Kiristaanoo Roonaaldoo Al Naasir keessaa bahuun kilaba malee hafuuf

Madda suuraa, Getty Images
Kiristaanoo Roonaaldoo kontiraata isaa Al Naasir keessaa xumuruu kilebichaa bahuuf jedha.
Al Naasir hanga ammaatti kontiraata haara abiraa hin dhiyeesineef.
Taphataan ganna 40 bara 2023 ji'a Amajjii keessa kilebichatti makame ji'a dhufuu eegalee kontiraanni isaa waan xumuramuuf kileba malee hafuu isaati.
An Naasir tapha xumuraa 3-2'n mo'amuun xumure. Roonaaldoon galchii kileboota adda addaaf lakkoofsisaa ture 800 gaheera. Al Naasir sadarkaa sadaffaan xumure.
Waancaa Sawudii Proo Liig kan mo'ate Al-Itihaad yoo tahu Kaarim Beenzeemaa fi Ingooloo Kaantee fa'aatu achi keessa taphata.