Maaree Jaldeessaa tibbana Oromiyaa Moyaaleetti daa'imarratti mul'ate maali, akkamiin daddarba?

Qoricha Maaree Jaldeessa

Madda suuraa, Getty Images

Kibba naannoo Oromiyaa magaala bulchiinsa Moyyaaleetti daa'imti dhalattuun tokko dhibee Maaree Jaldeessaa (Mpox)n qabamun mirkannaa'uu Ministeerri Fayyaa fi Institiutiin Fayyaa Hawaasaa beeksiise.

Namoota dhibee maaree jaldeessaa kanaan qabamaniiru jedhamuun shakkaman irraa saamuda fudhamee qoratame keessatti vaayirasiin dhibee kanaa dhalattuu guyyaa 21 irratti argamu beeksiise ibsi Dilbata kaleessaa Ministeerri fayyaa fi inistitiyuutichi baase.

Itti aansee qorannoo taasisameenis haatii daa'ima dhallattuu sanaatiis vaayirasichaaf saaxilamtu ta'un hubatamu ibsichi eereera.

Abbaan daa'ima kanaa gara biyya ollaatti imalee akka ture waan barameef, naannoon inni itti imaleefi namoonni tuxuqaa waliin qabu adda baasuufi hojiin hordoffii eegalamuun ibsameera.

Daa'imni vaayirasichi irratti argameefi haatii daa'ima kanaatis jidduugala adda baasuun wallaansi keessatti kennamu duraan qophaa'etti yaaliin barbaachisaan fi hordofiin taasifamaafii jiraachu kaasuun, hanga ammaatti rakkoon fayyaa cimaan akka isaani hin mudanne ibsichi dabaluun ibseera.

Skip Baay'ee kan dubbifame and continue reading
Baay'ee kan dubbifame