Lammiilee Afrikaa Ameerikaatti yaaddoo arii'amuu keessa jiran

Poolisoota US

Godaantoonni biyyoota Afriikaa UStti argaman hedduun sababii labsii Tiraampiin hidhamuu fi biyyaa ari'amuu sodaachuun kaan manaa bahuu yoo sodaataan gariin dhokataa akka jiran himama.

Sababii kanaatiin muraasni isaanii darbee darbee yoo ta'e malee hojii deemuyyuu dhaabaniiru.

Kaan isaanii mana keessa turuu, hojii dhaabuu, qophiilee ummataa irratti argamurraa of daangeessuu fi ijoolleen isaanii qondaaltota Seera Imigireeshiniifi Gumuriikaa kabachiisan (Immigration and Customs Enforcement (ICE)) akka hin hidhamne sodaachuun mana barumsaatii baasaa akka jiran BBC'tti himan.

Isaan keessaa tokko kan ta'e, Kaaduuliin lammii Koongoo yoo ta'u, waggaa 11 dura ture kan US seene.

Kaduliin kan dhalate Baha Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo Bukavu keessatti yoo ta'u, iddoon kunis bakka Gomaan alatti kan argamu dhiheenya kana finciltoota M23n qabamedha.

Innis hakimii waliigalaati. Pirezidantii biyyattii duraanii Jooseef Kaabiilaa qeequdhaan motummaa jalaa baqatee gara Ameerikaatti godaane.

Kaaduuliin erga Tiraamp gara aangootti deebii'anii kaasee gabaa bahufiilleen sodaataa jira. Qabamee gara Koongootti akka hin deebiifamneef yaadda'aa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Sakkata'insii tibbanaa sodaa natti naqeera. Baqataan hunduu yakkamaa isaaniitti fakkaata'' jedha.

Hunda caalaa yaaddoo keessa kan isa galche ammoo biyyisaa Koongoon hanga ammaatti waraanaa keessa ta'usheeti. Yeroo ammaatti nama tokko gara Koongoo Gomaatti deebiisuun murtee du'aati jedha.

Akkasuma Kaadulii, Abduul, Naayijeeriyaa irraa kan UStti sodaa keessa jira.

Abduul waggaa 30 dura abbaasaa waliin gara US kan dhaqe yoo ta'u, yeroos umuriin isaa waggaa kudhan ture..

"Ani daandiitti bahuu dhaabuudhaan wanti hundi akka gara gaariitti deebii'uuf Rabbiin irratti amantaa qabaachuu qofa yaala," jedha jiraataan Wiskonsin kun.

Abduul akkaataa qondaaltonni Immigireshinii magaalota biroo keessatti hojii isaanii itti gaggeessan dhaga'eera. Hiree wal fakkaatu akka ana hin mudanneef sodaan qaba jedha.

"Haalli isaan itti namoota gochaa jiran hamaadha, akka waan nutis nama hin taaneetti nama qabu. Hundi keenya nama, dhiigni hunda keenyas wal fakkaataadha," jedha.

Godaantonni gabaasa kanaaf gaaffii fi deebii BBC waliin taasifaman hundinuu akka irratti hin xiyyeefatamne sodaachuudhaan maqaa isaanii isa jalqabaa qofaan akka adda baafaman gaafataniiru.

Baqattoonni seeraan alaa guyyaafi halkaniin poolisiin adamsamaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Jumlaan biyyaa ari'amuu

Bulchiinsi Traamp erga baatii Amajjii gara Waayit Haawusitti deebi'ee dhiibbaan jumlaan biyyaa ari'uu godaantoota waraqaa eenyummaa hin qabne magaalota gurguddoo keessatti cimseera.

Manneen barnootaa, waldootaa fi hospitaalota dabalatee qondaaltonni immigireeshinii hidhaa dabalataa akka raawwatan humna kennuuf qabeenya waraanaa qajeelchuudhaan gareewwan mirga siiviilii fi godaantotaan qeeqameera.

Namoonni yakkamtootas ta'es kanneen seenaa yakkaa hin qabne kumaatamaan lakkaa'aman to'annoo jala oolaniiru.

Bulchiinsi Joo Baayidan ammoo guyyaatti jidduugalaan baqattoota 311 to'annoo jala oolchuun gara irraa dhufaniitti deebiisaa ture. Isaan keessaa baayyeensaanii yakkamtoota turan.

Kun hundi bulchiinsa Tiraampiin dachaan dabaleera. Seerri dhiheenya mana mareetiin raggaasiifamuun namoota seenaa yakkaa qaban ''qabuudhaan seeraan biyyatti'' akka deebiisan jedhu poolisiif aangoo olaanaa kenne.

Aangoon kenneef tokko baqattoonni battaluma qabamaniitti osoo hin ooliiniif hin buliin biyyaa akka arii'aman taasisuu danda'amusaati.

Kun kanaan dura tibba waraanaatti yoo ta'e malee akkas gochuun hin danda'amu ture.

Piiyas Alii gorsaa imaamata Poortilaand. Akka ilaalcha isaaniitti, seerichii gochaa hin barbaadamneef oolaa jira.

Fakkeenyaaf, manneen barnootaa, bataskaanootaa fi hospitaaloota keessa seenanii baqattoota adamsuun barbaachisaa miti.

Baqataa hunda akka yakkamaatti lakkaa'un seerri waan hin barbaachiifneef olfamuusaatiif ragaa dhiyeessu.

Gorsi baqattootaaf qaban, ''mannisaanii rukutame poolisii yoo ta'an ajaja mana murtii malee keessa seenuu hin dandeessan jedhaanii'' jedhan.

''Waan hundumaafu kan ta'u hin beekamu waan ta'eef maatiidhaaf nyaataa fi maallaqa qusachuun gaarii ta'a'' jedhu.

Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Sadarkaa eegumsa yeroo

Baqattoonni Afriikaa hedduun haala hin tasgabboofne keessa dhiphinaan jiraatu. Kun kan ta'u ammoo sababii mirga eegumsa yeroo (Temporary Protection Status)ti.

Mirgi kunis mirga addaa baqattoota biyyoota murtaa'aniif kennamuudha. Biyyoonni kunneen kan wal waraansa fi haala rakkoolee cimaa biraa qabaniidha.

Mirgi addaa kunis lammilee biyyoota akkisiitii dhufan yeroodhaaf Ameerikaa turuu fi hojiif iyyachuuf mirga kennaaf.

Hanga ammaatti baqattoota fayyadamtoota mirga kanaa mirga kana hanga ammaatti itti fufaalaata yaaddoo jedhu keessatti argamu.

Kaan ammoo Baayidan balaaleeffatu.

Fakkeenyaaf Joo Baayidan Angoolaa fi Kongoo wayita dowwataniitti mirgi kun baqattoota biyyoota sanarraa dhaqaniif ni dheereeffama jechuun abdii kennanii ture.

Baayidan kana osoo hin godhiin aangorraa kaafaman. Eeyyamni kun yeroo xumuramu lammiileen Afriikaa kunneen ari'amu danda'u jechuudha.

Baqattoonni biyyoota 17 dhaqan miliyoona tokko ta'an mirga eegumsa yeroo kanaan jiraataa jiru. Biyyoota 17 keessaa shan biyyoota Afriikaati.

Ameerikaan lammiilee Kaameeruun, Sudaan Kibbaa fi Itoophiyaa irraa dhaqaniif mirgi eegumsa addaa bara kana dhumata. Kan Somaaliyaa fi Sudaan ammoo bara itti aanuutti xumurama.

Yeroonsaa yeroo xumuramuutti bulchiinsi Tiraamp lammiilee biyyoota kanneenii ari'achu danda'a yaaddoo jechu dabaleera.

Yaaddoo keessa jiraachuu

Waggoota dhiheenya keessa lammiileen Afriikaa karaa daangaa Meeksikootiin gara Ameerikaa ka seenan baayyeedha. Kunis kan ta'e imala balaafamaa galaana Meeditiriyaaniyaanii qaxxaamuruudhaan erga Awurooppaa galaniin booda gara Amaarikaa qaxxaamuruudhaan.

Immigireshiniin Ameerikaa gabaasa bara 2024tti baaseen, bara sanatti baqattoota Afriikaa 1,818 Ameerikaa senaniiru. Isaan keessaa Seeneegaal, Mooriitaaniyaa fi Naayijeeriyaa irra kan dhufan baayinaan ni dursu.

Haata'u malee baqattoota seeraan alaa bara 2024tti akka ari'amaniif karoorfame miliyoona 1.4 keessaa baqattoonni Afriikaa parsantaa 3 qofaadha.

Isaan keessaa ammoo baqattoonni Somaaliyaa 4,090dha. Ittaansee lammiilee Mooriitaaniiyaa, Naayijeeriyaa fi lammiileen Gaanaa ni eeramu.

Oggeessi tokko akka jedhaniitti taateen kun dureewwan Afriikaatiif carraa olaanaa ta'u dana'a.

''Karri baqannaadhaaf affeeran cufamunsaa, lammiileen daandiilee ittiin bahan mijjeeffachu qabaatu'' jedhu.

Tarii Ameerikaan karrashee baqattootaaf gutummaan kan cuftu yoo ta'e, biyyoonni akka Chaayinaa, Raashiyaa fi kaan mormitoota ta'an carraa kanatti fayyadamu danda'u jedhanii yaadu.

''Biyyoonni kunneen biyyota Afriikaa waliin hojjachuu, sarara seera qabeessa baqattootaa diriirsuu, walta'insa diingadee uumuu, daldala cimsuuf walitti dhufeenya haaraa yoo eegalan, walitti dhufeenyi Ameerikaa fi Afriikaa haala kanaan dura hin baramneen jijjiramu danda'a.''

Waggoota 11 dura hakimiin Koongoorraa baqatan Kaaduuliin pirezidanti Tiraampiif ergaa qabu. ''Tiraamp namoomaa siyaasa dursuu qabaatu, Ameerikaan guddinashee deebiistee kan gonfattu yeroos.''

"Ameerikaa ammas guddittii gochuuf US mirga namoomaaf dhaabbachuu fi dandeettii godaantota biyyattii tajaajiluu fi dinagdee gargaaruuf qaban ilaaluu qabdi," jedha.

"Pireezidaantichi siyaasaa dura dhimma namoomaa akka kaa'u jedha."