Erga PSGn Chaampiyoonsi Liigii injifatee booda walitti bu'iinsa mudateen hedduun hidhaman

Madda suuraa, Getty Images
Kilabni Faransaay PSGn seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf waancaa Chaampiyoonsi Liigii injifachuu hordofee wayita namoonni magaalaa Paaris keessatti gammachuusaanii ibsatan walitti bu'iinsaa fi jeequmsa uumameen hedduun hidhamaniiru.
Wayita kilabichi goolii 5 fi 0 dhaan Muunikitti Intar Miilaan mo'atu Paaris keessatti daandii guddicha Champs-Elysees hanga istaadiyeemii PSG- Parc des Princes fulla'utti namoonni kuma 50 ta'an bakkeetti ba'uun daawwataa turan.
Wayita namoonni iskiriinii guddicha irratti tapha seena qabeessa kana daawwataa turanitti jeequmsa mudate hordofee poolisiin namoota 559 ta'an hidheera.
Wayita daawwattoonni gammachuu ibsatan laboobi abiddaa fi richiitiiwwan hedduun samiitti dhukaafamuun rifaatuu uuman, iddoon konkolaataa (otoobisii) itti eeggatan ni manca'e, konkolaattonnis gubataniiru.
Gammachuu daangaa darbeen jeequmsi Paarisitti mudate kun wayita PSGn seenaasaa keessatti yeroo jalqabaaf waancaa Chaampiyoonsi Liigii injifatetti ture.
Baayyeensaanii karaama nagaa gammachuusaanii ibsachaa turan. Daandii magaalaa Paaris irra sirbaa fi ililleen guutee, konkolaataawwan hunduu akka waan guyyaa cidhaatti sagalee gammachuu dhageessisaa turan.
Gamoo guddichi mallattoo Paaris ta'e Eiffel Tower halluu uffannaa PSG tiin akkaan faayameera.
Halluu cuquliisaa fi diimaan gamoo duraanuu bareedina addaa qabu faaye.
Deggaraa cimaa Olympique de Marseille kan ta'an Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon ''guyyaan kun PSGf guyyaa kabajaa fi ulfinaa, guyyaa gammachuu addaati,'' jechuun X irratti barreessan.
Milkaa'ina kilabichaan akka baayyee boonanis ibsaniiru.
Paaris durumaanuu shakkiidhaan poolisoota 5,400 ta'an guutummaa magaalattiitti bobbaastee turte. Gammachuun daangaa darbee jeequmsatti geeddaramuu danda'a shakkii jedhu qabu turan.
Poolisiin Paaris akka ibsetti namoota 559 hidhaman keessaa hedduunsaanii kanneen richiitii dhukaafamu qabatanii fi kanaanis hokkara kakaasuuf yaalaa turanidha.
Meeshaalee kaanii fi richiitii gara poolisiitti dhukaasuuf yaalaa turaniiru jedha ibsi poolisii.

Madda suuraa, Getty Images
Suuraa fi viidiyoon miidiyaa hawaasummaarratti qoodaman, kan BBC dhaan hin mirkanoofne, wayita namoonni hedduun tuutaan gara suuqiiwwan daandii guddicha Champs-Elysee irratti argaman cabsanii seenuuf yaalan agarsiisu.
Poolisoonni bishaan fi gaazii imimmaanessuun namoota hookkaraa fi saamichaaf yaalii taasisaa turan ittisaa turan.
Daandii marfataa Paaris irrattis walitti bu'iinsi uumameera. Handaara istaadiyeemii PSG Parc des Princes'tti ammoo konkolaataawwan lama gubataniiru.

Madda suuraa, Reuters
Paarisiin alatti ammoo kibba biyyattii magaalaa Grenoble keessatti konkolaataan deeggartoota PSG irra oofamuun yoo xiqqaate namoonni afur miidhamuu hime poolisiin.
Akka poolisiin jedhutti kanneen miidhaman hunduu miseensota maatii tokkooti.
Konkolaachisaan yakka kana raawwate poolisiitti harka kennateera, amma to'atamee jira.
Milkaa'inaan kan galan gareen PSG daandii guddicha Champs-Elysee irratti ba'uun deeggartoota isaanii fuulduratti gammachuusaanii ni ibsatu.
Deeggartoonnis wayita isaan deebi'anitti gammachuu waliin qooddachuuf heddumminaan daandiitti ba'uuf jiru.
Waajjirri Pirezidant Maakroon Dilbata har'aa taphattoota PSG'f simannaa gootaaf malu akka taasisuuf ibseera.