Hakiima dhukkubsatoonni akka du'aniif gargaartu- Dr. Isteefaanii Giriin

Madda suuraa, Stefanie Green
"Namoonni baay'een gaheen keenya akka hakiimaatti lubbuu baraaruudha jedhanii yaadu, innis hanga tokkos dhugaadha''.
Waanti doktorri tokko hojjetu inni bu'uuraa namoota gargaaruudha jedheen yaada," jetti Dr Isteefaanii Giriin. Giriin hakiima dhukkubsatoonni akka du'aniif gargaartudha.
Ofii attamiin namoonni akka du'aniif gargaarti?
Akeekkachiisa: Gabaasni kun adeemsa du'aatti nama geessu of keessaa qaba.
"Barandaa gamoo mana jireenyaa tokkoo jala ciisti, bakka bareedaadha, Hiriyyoonni ishees naannoo ishee marsaniiru jiru.
Lilmoon dubartii kana waraanuuf yeroon ka'u, isheen harkakoo qabdee ija keessa na ilaaluun, 'Dr. Giriin, kun xiqqoo waan addaa natti fakkaata, garuu lubbuukoo baraartetta jedheen yaada. Baay'ee galatoomi naan jette,'' jechuun waan dhukkubsattuun tokko jetteen yaadatti.
''Yeroon akkasii tasumaa hin dagadhu,'' jetti hakiimni lammii Kaanaadaa Isteefaanii Giriin jedhamtu.
Garuu faallaa kanaa, qorichi isheen karaa hidda dhiigaa laatteef, dhukkubsattuun sun ishee gammachiisu ibsatus, dhukkubbii obsa hin qabne itti dhaga'amaa tureerraa hin fayyisne.
Qorichoonni kun wantoota daqiiqaa muraasa keessatti dhukkubsataa kana ajjeesan of keessaa qabu jetti. Isteefaanii Giriin hakiimota jalqabaa Kaanaadaa keessatti namoonni akka du'aniif gargaaran keessaa tokkodha.
Kitaaba yaadannoo ishee ibsu "This is Assisted Dying" jedhuu fi muuxannoo yaalaa akkasii keessatti qabdu ibsu tokkos barressiteetti.
Marsariitii dhaabbata isheen dalagdurrattis, 'deeggarsa walaansaatiin du'uun lubbuu galaafachuu mitii' jedhamee barreeffameera.
"Dhukkubnii fi gidiraan filannoo kanaaf sababa ta'a. Akkan hubadhutti gargaarsaan du'uun caalaatti fedhiirratti hundaa'adha."
Giriin lammii Biraazil tokkotti heerumuun, ijoollee lama kan qabdu yoo ta'u, bulchiinsa Kaanaadaa Biritish Koolumbiyaa keessatti kan argamtu Victoriyaa keessa jiraatti.
Kaanaadaatti erga gara waggoota kudhanitti dhiyaatuuf gargaarsaan du'uu seeraan hayyameera.
Bara 2016tti biyyattiin jalqaba seera ga'eeyyiin dhukkuba irraa fayyuun hin dandeenyee fi garmalee dhukkubsatan, gargaarsaan du'uu akka gaafatan hayyamu baafte.
Bara 2021tti dhukkubsattoonni dhukkuba du'aaf saaxiluun qabamaniifi dhukkuba cimaa qabanis akka du'an gargaaruuf dambiiwwan laaffifamaniiru.
Akkasumas ga'eessota dhukkuba sammuu qabaniif qofa, rakkoo fayyaa biraa hin qabne, waggaa lama keessatti gargaarsaan du'uu dandeessisuun eeyyamamuuf karoorfameera.
Ogeettiin dhimma kanaa yeroo dheeraaf dhukkubsattoota du'uu barbaadan gargaarte Dr Giriin, waan namoota baay'ee biratti faallaa fakkaachuu danda'u: yaada doktorri dhukkubsattoonni akka du'an gargaaruutu jette ibsitti.

Madda suuraa, Getty Images
Giriin yeroo hojiishee keessaa %75 namoonni akka du'an gargaaruurratti dabarsiti
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Namoonni baay'een gaheen keenya akka hakiimotaatti lubbuu baraaruudha jedhanii yaadu, kunis hanga tokko dhugaadha.
Garuu waanti doktorri tokko hojjetu inni bu'uuraa namoota gargaaruudha jedheen yaada," jettia Iseefanii Giriin.
"Namoota dhukkuba akka dandamatan gargaarra, yeroo baay'ee ammoo waan isaan gargaaruu hin dandeenyees jira.
Dhukkuboonni nuti isaan ittiin gargaaruu hin dandeenyee jiru. Gaheen keenya dhukkubsattoota bakkeetti dhiisuu miti," jechuun BBC News Biraaziliif ibsan.
"Gaheen hakiimaa namoota sadarkaa jireenya isaanii hunda irratti gargaaruu akka ta'e nan amana, du'uu gargaaruunis isaan keessaa tokkodha."
Isteefaanii Giriin dubartiin umuriinshee ganna 56ti. Hojii ogummaashee kanaan hakiima waliigalaa taatee hojjechuun kan jalqabde yoo ta'u, boodarra dubartoota ulfaa kunuunsuu, yeroo dahumsaa gargaaruu fi deessisuun hojjataa turte.
Waggoota 20 oliif erga hojjetee booda bara 2016, yeroo Kaanaadaan seera namoonni akka du'an gargaaruun hayyamuu jalqabe, Giriin gita hojii jijjirte.
Amma yeroo hojiishee keessaa %75 namoota akka du'an gargaaruun dabarsiti.

Madda suuraa, Getty Images
Maaltu ilaalcha ishee jijjiire?
Isteefaanii Giriin ogummaa hakiimotaaf barbaachisuu fi dhukkubsataan akka du'u gargaaruu gidduu walfakkeenya cimaan akka jiruun hubadha jetti.
Akka oggeettiin tun jettutti, namni dhalatuufi du'u gaheen doktoraa adeemsa uumamaa akka qabaatu qajeelchudha jetti.
Garuu maaliif ilaalcha namoonni akka du'an gargaaruutti yaada ishee jijjiirte gaafatamtee, sababoota hedduu taarreesitetti.
"Dubartoonni da'umsarratti yeroon gargaara ture dhiisee hin deemuu jedheen morma ture," jetti. "Wanti akkasitti na gammachiisu danda'u hin jiru jedheen yaada ture."
Haata'u malee, adadduma yeroon dheerataa deemu yeroo dheeraa haadholiin da'umsarratti gargaaruun akka itti ulfaate dubbatti.
Yeroo sanatti Kaanaadaan gargaarsan du'uu seera-qabeessa goote. Giriin dhimmicha itti dhiyeenyaan hordofaa akka turte dubbatte.
"Muuxannoo waggoota 25 horadhe keessatti namoonni yeroo du'an argaan ture. Du'a gaarii fi du'a hamaas argeera," jette.
Seerri kun hojiirra oole guyyoota muraasaan booda dhukkubsataan jalqabaa tokko balbala rurukutee, "Ani du'uun barbaada" jedheen.
Innis "Dhukkubsataa jalqabaa" ture isheef.
"Yeroon sun addaa ture. Waan addaa tureef, yeroo sanas yoomiyyuu hin dagadhu'' jette oggeettiin tun.
"Dura dhukkubsataa sanaa fi maatiisaan waliin haasa'uu koottti baay'een gammade. Isaanis nan galateeffadha."
Namoota jalqaba Kanaadaatti du'uuf gargaarsa barbaadan keessaa inni tokkodha.
Haarveey jedhama, akka waan nama addaa ta'ettan isa yaadadha. Baayyee dhukkubsatee torban muraasa keessatti waan du'u fakkaata ture.
" Seerri akka jijjiiramu qofa eegaa ture. Yeroo seerri jijjiiramu waraqaa xiqqoo harkatti qabate, balbala koo rukute, 'kun waanan ani barbaadudha' naan jedhe."
Dhumarrattis, firoottasaatiin marfamee ija haadha warraa isaa, kan waggoota 52'f gaa'elaan waliin turan ija keessa ilaalee boqate, jechuun taatee sana yaaddatti.

Madda suuraa, Stefanie Green
Kanaadaatti namoonni akka du'an gargaaruu
Duuti akkuma dhalootaa taatee addaatti jetti hakiimni kun. "Kunis namoonni adda waan ta'aniifidha" jette.
Garuu waggoota dheeraaf hojii kana erga hojjettee booda hojimaanni yeroo hunda dhukkubsattoota hundaaf hordofamuu qabaatu akka jiru dubbatti.
Adeemsa kana ibsuu dura, Giriin maloota lama Kaanaadaa keessatti dhukkubsataan tokko akka du'u ittiin gargaaran ibsiti.
Malli jalqabaa, ''kan yeroo muraasaaf itti fayyadamnu, hakiimni dhukkubsataadhaaf qoricha hamaa raffisu kennuufidha. Dhukkubsataan ofii isaatii dhangala'aa barbaachisu erga dhugee booda hirribatu qaba, achiis of wallaalee walakkaa sa'aatii keessatti du'a'' jechuun ibsiti.
Irra caalaan hakimoonni lilmoon qoricha dhukkubsataa waraanuun gargaarsi jedhan kun raawwatama.
Qorichoota afur fayyadamu. Inni jalqabaa qoricha dhiphina dhukkubsataan keessa jiru kan tasgabbeessudha.
"Dooziin isaa ol'aanaa waan ta'eef dhukkubsattoonni dhibbeentaa 98 ykn 99 ni rafu. Mallattoon dhukkubbisaanii ni bada, miira gaariitu itti dhagahama."
Wal'aansi inni lammaffaan, iddoo lilmoon waraanamu adoochuudha. Giriin yeroo hunda mala kanatti akka itti fayyadamtu dubbatti.
"Rafanii achumaan du'u"
Duuti dhukkubsataa tokkoo xumura adeemsa dheeraa booda kan raawwatamu yoo ta'u, Giriin ulaagaalee shan madaaltee namni sun ulaagaa guutuu fi dhiisuu murteessiti. Isaaniis:
- Dhukkubsataan sun kan umuriin isaa waggaa 18 ol ta'uu qaba.
- Kanaadaatti tajaajila fayyaa hawaasaa argachuuf mirga qabaachuu qabda.
- Gaaffii deeggarsan du'uu sana fedhaan dhiyeessuu, osoo namoota birootiin hin dhiibamiin dhiyaachuu qaba.
- Dhukkubsataan gaaffii sana dhiyeessuuf ga'umsa sammuu qabaachuu qaba, jechuunis rakkoo maalii akka qabu hubachuu fi adeemsa kanaaf hayyama kennuu danda'uu qaba.
- Ulaagaan inni dhumaa, namni tokko kunuunsa biroo dhukkubba isaatiif kennaman filannoo biroo waliin dhiyaataaf.
Seerri kun dhukkubsataan kun dhukkuba sanarraa fayyuu kan hin dandeenye fi irra tureetiin ni eeyyama.
"Sun hundarratti dhimmoonni yaanni ogeessaa dabalataan barbaadan hedduutu jiru," jetti.
"Xumurarratti yoo adeemsa kana keessatti dhukkubsataan sun ulaagaa otoo hin guunne ani waraqaa sanarratti hin mallatteessuu" jette.
Guyyaa beellamatti hakiimni kun bakka dhukkubsataan kun filate dhaqxi. "Dhukkubsataa waliin kophaakoo gara daqiiqaa kudhanii tureen gargaarsaan du'uu barbaaduu fi dhiisuu irra deebi'ee madaala'' jetti.
Yeroo hundaa hanga daqiiqaa dhumaatti yaada isaanii jijjiiruuf carraa qabu," jette.
Giriin yeroo baayyee fira dhiyootti, yeroo kaan ammoo hiriyoota nama dhukkubsataa sanaa dabalaan ni haasofsiti.
"Waaqeffannaa dhukkubsataan gaafate kamiifuu carraa ni kennina. Kadhannaa, dubbisa Macaafa Qulqulluu, muuziqaa kan falate raawwachuu danda'a. Yeroo kaan ammoo namni tokko haasa'uu, seenaa himuu, kolfuu, boo'uu ykn nagaa dhaammachu barbaaduu carraan ni kennnamaaf'' jette.
Dhukkubsattonni gariin homaa hin barbaadan, gariin waa baayyee jechuu barbaad," jechuun garaagarummaa dhukkubsattootaa himti.
"Dhukkubsataan adeemsa kana itti fufuu yoo barbaadaan yeroo dhumaaf nan gaafadha, yoo hayyaman qoricha fudhadhee waanan hojjedhu dhukkubsataaf erga ibsee booda suuta jedhee adeemsa kana jalqaba."
"Ariitii malee qoricha isaaniif nan kenna, maatii isaanii fuulduratti tasgabbii fi kabajaan. ciisanii du'u," jechuun ibsiti
'Yeroo kaan ani na boo'a'
Giriin yeroo dhukkubsataan tokko du'u maatiitti ni beeksifna jetti.
"Yeroo sanatti kutaa keessaa baheen miseensonni maatii addatti gaddasaanii akka ibsatanii fi nama jaallatan waliin yeroo gabaabaa akka dabarsan taasifsa," jetti.
Giriin osoo bakka sanaa hin deemin dura deebitee maatii waliin akka haasoftu himte.
"Maatiin miirasaanii ibsatu, adeemsi seeraa erga xumuramee booda warra sirna awwaalchaa raawwachisaniif bilbilama,"jette.
"Yeroo baay'ee sa'aatii tokkoof bakka sana nan tura. Kun ammoo hojimaatuma idileedha" jette.
Giriin duutii namaa miira hamaa keessa akka nama galchu himti.
Namoonni ijoolleen isaanii, warra isaanii, abbaa warraa isaaniitti nagaa yeroo dhaaman nan arga. Yeroo sanatti namoonni maal akka jedhan nan dhagaha" jetti.
Yeroo tokko tokkoo ammoo ''anis maatii waliinan boo'a, sababiin anis nama ta'eef" jechuun miirri gaddaa akka itti dhagahamu himti.