'Rakkinni nama jabeessa' - Baqataa Keeniyaatti daldalaan milkaa'e

Ibsa waa'ee viidiyoo, Murteessaan ilaalcha gaarii namaaf qabaachuun akka barbaachisu gorsa
'Rakkinni nama jabeessa' - Baqataa Keeniyaatti daldalaan milkaa'e

Murteessaa Fayyisoo jedhama. Waggoota saddeet dura umrii isaa 15’tti mormiin ummataa Oromiyaatti yeroo dho’e 'hidhaafi dararaa' baqachuun gara Keeniyaa ce’e.

Yeroo ammaa Keeniyaa magaalaa Naayiroobii lafa gabaa guddaa lammiileen Itoophiyaa baay’atan, Islii keessatti, mana nyaataa banuun maamiloota hedduu horateera.

Daldalaa beekamaas ta'eera. ''Kaka’umsa kana kan na keessa kaa’e rakkina. Namni yoo rakkate ni jabaata malee hin laafu'' jechuun gorsa.

Murteessaa, ganna 23, jireenya keessa baay’ee qoramuu, gargaarsa namootaafi carraaqqii isaan lafa kana gahuu seenaa isaa BBC'f qoodeera.