Ulfi osoo hin umamiin sababiiwwan laguun yeroo dheeraaf akka badu taasisan maalidha?

Madda suuraa, Getty Images
Dubartoonni umurii ijoollee godhachuu danda'anitti laguu isaanii arguu dhabuun emaanooriyaa jedhama.
Laguun yoo hafu ulfi akka uumametti beekamus, sababooti laguun otoo hin dhufiin akka turu ykn hafu godhan biroon jiru.
Dubartoonni umurii ijoollee godhachuu danda'an keessa jiran laguun isaanii guyyaa 28tin mara. Kanneen guyyaa 24 fi 35 laguu isaanii arganis jiru.
Laguu yeroo tokkoofi lama otoo hin argiin hafuun rakkoo tahuu dhiisuu mala. Tahus haalli kuni irra deddeebiin mudannaan mallattoo dhibamuu agarsiisuu danda'a.
''Qaama kee nama kamuu caalaa waan beektuuf akkatti hojjetus beekta, yeroo wayiin tokko sirrii hin taane ni beekta jechuu dha. Dubartoonni hundi qaamnisaani haala garagaraan hojjeta,'' jetti hakiimni ulfaa fi gadameessaa Dr Amiiraa Alkoordiin Maartineez.