Jijjiirraa taphattootaan Man Yunaayitid, Man Siitii, Chelsiifi kaan eenyuun gaafachaa jiru?

Madda suuraa, Getty Images
Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Paawondii miliyoona 55 baasu gaafachuu; Maanchester Yunaaytid fi Niwukasil Yunaayitid ammoo Piriimer Liigii keessaa taphattoota sarara fuula duraa gaafachaa jiraachuufi Beelingihaam gara Jarman deemuu danda'a kan jedhan odeeffamaa jiru.
Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu AC Miilaan fi Neezerlaands umuriin isaa waggaa 26 ta'e Taayishanii Raayindars fudhachuudhaaf socho'aa jira. Taphataa kanaaf Paawondii miliyoona 55 ol akka ramdamuuf ni eegama.
Taphataan lammii Biraazil Kazemiiroon kan yeroo ammaa umuriin isaa waggaa 33 ta'eefi taphataan lammii Arjentiinaa Alehaandiroo Gaarnaachoo kan umuriin isaa waggaa 20 ta'e warra Maanchester Yunaayitid gurguruu barbaadu keessaati. Kilabichi bara dhufu taphattoota hedduu hir'isee kan barbaadu bitachuudhaaf amma akka gadhiisu ifa kan godhe isaan kanadha.
Maanchester Yunaayitid taphataa Bireentifoord sarara duraa lammii Kaameruun umuriin isaa yeroo ammaa waggaa 25 ta'e Biriyaan Mubeemoo fudhachuuf waliin dubbachuu jalqabeera. Gatiin isaaf kaa'ame ammoo Paawondii miliyoona 50 ta'a.
Niwukasil Yunaayitid ammoo taphataa lammii UK Liyaam Delaap kan umuriin isaa waggaa 22 ta'e kilaboota akka Everten, Maanchester Yunaayitid fi Chelsii dhiisee akka isa filatuuf Ipsiwiich amansiisuuf yaalaa jira.