Yunaayitid Maleezhiyaatti erga mo'atamee deeggartootni itti cooquun 'nuuf mala' jedhe Amoriim

Taphattoota Maanchester Yunaayitd

Madda suuraa, Getty Images

Leenjisaan Maanchister Yunaayitiid Ruuben Amoriim taphattootnisaa Kuwaalaa Laampuuritti dheekkamsaan itti cookamaa bahuun gaariidha jedhe.

Yunaayitid bara Piriimiyeer Liigii badaa akkamu xumureen qophii bara dhuftuuf gara Ezhiyaa imalee urjiilee Ezhiyaa waliin magaalaa guddoo Maaleezhiyaa Kuwalaa Laampuuritti tapha gaggeesse 1-0n mo'atame.

Yunaatiid lafa km 10,600 ol fagaatu imalees rakkoon goolii lakkoofsisuusaa hin furamne. Kilabichi barri dorgommii kun xumuramuu dura jifataa Wolvis Kuunhaa fudhachuuf tattaaffii jalqabe. Taphataa kanaaf £62.5m baasuuf Yunaayitiid tole jechuu hordofee, taphatichi qorannoo meedikaalaa gochuuf beellama qabateera.

Yunaayitid ciccimoo Ezhiyaa waliin kan morkate istaadiyoomii daawwattoota 72,550 qabatee fi ho'isaa digirii 30 ol ta'e keessatti. Amoriim tapha kana injifachuuf taphattoota 25 taphachiisaniiru.

Boqonnaa booda goolii taphataan sarara cinaa Miyaanmaar galcheen taphni wayita raawwatu deeggartoota Yunaayitiid achi jiran itti cookuun dheekkamsa isaanii dhageessisaniiru. Deggartootni Yunaayitiid kun gareesaanii ilaaluuf hanga £260 tikkeetaaf kaffalaniiru.

Yunaatiid qophii bara dorgommii dhufuuf gara Malezhiyaa yeroo imalu bara 2009 bood yeroo jalqabaafi.

Leenjisaa Ruben Amoriim ''guyyaa jalqabaa ani as dhuferraa kaasee gahumsa gareen kun agarsiisaa jiruuf yeroo mara ofin ceepha'a'' jedhe.

Amoriim tpahni wayita raawwatu balaleeffannaadhaaf itti cookamuusaa akka gaariitti fudhachuu dubbate.

''Cookni sun tari wanta nu barbaachisuudha, sababnisaas Piriimiyeer Liigii keessatti wayita injifatamnus deeggartotni numa waliin jiru. Yero taphannee fixnu mara nu waliin jiru. Mee bara dhuftummoo ni ilaalla.''

Amoriim tapha booda yaada kenneen wayee jijjirraa Kuunhaa dubbachuurraa of qusateera. Yeroo gaafatamus ''bara dorgommii dhuftu ilaalla'' jedhe.

Ammayti odeeffannoo hin kennu kan jedhe Amoriim jijjiiramni hangi ta'e garuu ni jiraataa jedheera.

Waancaa Liigii Awurooppaa Totenhaamiin injifatame ekan dhabe Yunaatiid bara darbe kana geeba malee qabxii baayyee gad aanaa ta'een 15ffaa ta'uun liigicha xumure.

Yunaayitiid imala gara Ezhiyaatti godherraa $10m argata jehdamee amanama.

Amoriim gareensaa qabxii gaarii argachuu dhaburratti yeroo dubbatu, leenjiifi tapha hunda irratti cichoomanii hojjechuun dhabamuu akka sababaatti kaaseera.

Hoji gaggeessaa olaanaan kilabichaa Omaar Beraadaa miidiyaa kilabichaa waliin turtii godheen kilaba kana fooyyessuuf maalirratti cimanii hojjechuu akka qaban hubachuu dubbate, ''iddoo irratti invest goonu adda baasnee beekneerra'' jedha.

Wanti hafu karoora qophaaye raawwiitti jijjiiruu akka ta'es dubbate.