Ogeessonni fayyaa mootummaa waliin maal mariyatan?

Hakiima gaddaa jiru

Ogeessonni fayyaa miindaan, faayidaan garaa garaafi haalonni biroon akka sirraa'aniif gaafachuun hojii dhaabuun mormii erga jalqabanii torban sadii guute, A L I Camsaa 15, 2017 yeroo jaqabaatiif aanga'oota mooummaa waliin mariyachuu isaanii BBCtti himan.

'Sochii Ogeessota Fayyaa' maqaa jedhuun kan socho'an ogeessonni kunneen "rakkoon" kan walitti isaan qabe ta'uu ibsuun, Ebla darbe haalli jireenyaafi hojii, akkasumas sirna fayyaa biyyattii akka foyyaa'u jechuun gaaffilee 12 mootummaaf dhiyeessaniiru.

Ogeessonni kunneen mootummaarraa deebii waan dhabaniif A L I Caamsaa 5, 2017 irraa kaasaniiakka biyyaatti hojii dhaabuun mormii gaggeessuu kan beeksisan yoo ta'u, hidaa dbalatee hojiirraa ari'amuufi dhiibbaan isaanirra gahuu dubbatu.

Hojii dhaabuun mormuu kana hordofee hospitaalonni gurguddoo kutaalee biyyattii keessa jiran ogeesosota dhibbaan lakkaa'amanqacaruudhaaf beeksia baasaniiru.

Gaaffii ogeessotaa deebisuuf akka hojjetu, garuu hojii dhaabuun "fudhatama" akka hin qabne ibsaa kan ture Ministeerri Fayyaa, torban darbe gaafa Jimaataa yeroo jalqabaatiif qindeessitoota sochii kana waliin dubbachuun isaa beekameera.

Haasaan sa'aatii afur ture kun Ministeerichaan kan waamame ta'uu BBCtti kan himan qindeessitoonni sochii kanaafi marii kanarratti kan hirmaate hakiimni tokko, haaldureewwan afur kaa'uu isaanii dubbateera.

Ogeesosnni fayyaa hidhaman akka hiikaman, warri hojiirraa ar'aman akka deebiyan sodaachisuufi doorsisuun akka dhababatu, akkasumas dhaabbileen fayyaa beeksisa hojii qacaruuf baasan akka addaan kuta haaldureewwan jedhan dhiyeessuu isaanii ibseera.

Ministirri Fayyaa, Deetaawwan Minstirootaa fi itti gaafatamtoonni biroo kan irratti argaman marii kanarratti, gaaffiin ogeessotaa "beekamtii" argachuu kan eere qindeessaan kun, gaaffilee kanneen bifa akamiitiin haa deebisnu kan jedhurratti garuu garaa garummaan uumamuu ibseera.

Gama Ministeeera Fayyaatiin, "Piropozaala keenya fudhadhaa" yaadni jedhu dhiyaachuu kan eere hirmaataan kun, qabiyyee yaada gama mootummmaatiin dhiyaate kana maal akka ta'e ibsuurraa of qusatus, ogeessota "hin amansiifne" jedhe.

Waliin dubbachuun kun gaggeeffamee sa'aatiiwwan muraasaan booda televizhinii biyaalessaarratti kan dhiyaatan Deetaan Ministira Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa, gaaffiin ogeessotaa yeroo dheeraatiif gangalataa kan dhufe "rakkoo kuufame"ta'uu kaasuun ogeessota gara hojiitti hin deebinerratti hanga hayyama hojii irraa fudhachuu kan gahu tarkaanfii seeraa akka fudhatamu akeekkachiisaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qindeessaan sochi kanaa gama mootummaatiin caalaan daran cimuu eeruun, marii marsaa lamaffaatiif akka hin taa'uun dubbate.

"Amma beeksisni ni bahu, sodaachisawwan, doorsisaawwan jiru, ogeessonni keenya mana hidhaa jiru, baayyeen isaanii hin hiikamne. Haala akkasii kana keessatti marii taasisuun rakkisaa ta'ee nutti mu'ata," jedheera.

Qindeessaan sochii kanaa biroon Komishiniin MIrgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) qaama sadaffaafi walabaa ta'ee akka mariisisu "mariin duraa" taasifamaa jiraachuu BBCtti himeera.

Komishinarri Olaanaa KMNI Birhaanuu Adeeloo torban dare mootummaan gaaffii isaanitiif xiyyeeffannaa kennee bifa ifaafi hirmaachisaa ta'een furmaata akka kennu, akkasuma ammoo ogeesosnni fayyaas gaaffileen isaanii karaa fayyaa hawaasaafi mirgoota lubbuun jiraachuu balaaf hin saaxilleen akka dhiyeessaniif waamicha taasiseera.

Gidduu galee mariisisuuf "kaka'umsi isa" Komishinicharraa dhufuu kan eeran qindeessaan kun, karaa gama mootummaatiin mariyachuuf fedhiin jiraachuun mul'atus, jechaan caalaa tarkaanfiin qabatamaa akka barbaachisu ibseera.

'Gareen marii' mootummaafi ogeessonni fayyaa karaa qaama sadaffaa fuulaa fuulatti dgiyaatanii waliin dubbachuudhaaf guyyaa murteeffachuu baatanisyeroo diyooti akka wal gahan BBCtti himeera.

Haata'u malee, tarkaanfii mootummaan fudhachaa jirurratti hudaa'uun, shakkiin murannoon dhabuu jiraachuu dubbatan.

"Deebii ifa ta'e dhaga'uu barbaadna. Kan dhaabanuuf ummataaf hanga ta'etti gaaffileen 12n dura gaaffileen afran hanga ammaatti deebii dhabuun isaanii murannoon akka hin jirre shakkii keessa nu galcheera," jedhan.

Ogeessota fayyaa kuma 320 ol biyyattii keessa jiran keessaa kaneen "dhibbentaa 65 hanga 75" ta'u jedhama sochii kana keessatti hirmaataa akka jiran qindeessitoonni kunneen dubbataniiru.

Mootummaan torbanootaaf hojiin dhaabbilee fayyaa hin gufanne jedhus, dhaabbilee fayyaa irratti dhiibbaan mul'achaa jiraachuu xalayaawwan wal jijjiiramanniifi beeksisawwa bahan garuu rakkoon kun jiraachuu mul'isu..

Hojii dhaabuun mormuun "rakkoo guddaa fidaa jiraachuu ni hubanna," kan jedhe qindeessaan tokko, [wallaanamtoonni] baayyeen wallaansa argachaa hin jiran. Beellamni isaanii dheerachaa jira. Baasii hin malleef saaxilamaa jiru jedha.

"Hawaasarratti dhiibbaan guddaa uumama ajira," jedheera.

Ogeessonni fayyyaa dhiibbaa wallaaamtootaafi sirna fayyaarra gahuuf itti-gaafatamummaa kan fudhatu mootummaa akka ta'e irra deddeebiin dubbataniiru.

Hojii dhaabuun mormuu waliin walqabatee, torbanoota darban keessa ogeessonni fayyaa 80 ol ta'an kan hidhaman yoo ta'u, ogeessonni sagal ammoo poolisiin himanni irratti banamee mana-murtiittiyyu dhiyaatanii beelamni akka qabameef ni yaadatama.